Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa proojaktii nama dhuunfaa ta’eet ture – Ambaasaaddar Alamaayyahu Taganuu

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Hidhi Haaromsaa walitti qabdoota boordii duraatin kisaaraa jabaaf saaxilameera jedhan ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii duraanii fi Raashiyaatti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddarri guutuu Alamaayyahu Taganuun.
 
Ambaasaaddar Alamaayyahu gaaffii fi deebii Addis Zaman waliin taasisaniin akka beeksisanitti, ijaarsi hidhichaa du’a obbo Mallas Zeenaawitiin dura baatii baatidhaan gamaggamamaa tureera.
 
Boqachuu isaanitiin booda garuu gamaaggamamuun hafeet ture jedhu.
 
Walitti qabaa boordichaatin ijaarsa kilaastaraatin baatii lama lamaan akka gamaaggamamu kallattiin ka’ameet tures jedhu.
 
Yaata’uutii qindeessichi garuu murticha hojiirra hin oolchine ture jedhu.
 
Haaluma kanaan proojaktichi boordii Humna Elektiriikatiinis gamaaggamamaa hin turre.
 
Gamaaggamni akka dhiyaatu gaafataa turrus, bu’aan gamaaggamaa ministeerichaaf deebifamaa akka hin turin ibsu.
 
Gabaasa proojaktichaas Humna Elektiriikaarraa fudhachuudhan haala jiru ibsaa turreerra jedhan.
 
Haala jirurraa kaane ibsa yoo laannu, maaltu isin dhibeet ibsa laattu jedhamaa turreerras jedhu.
 
Sanaan boodas proojaktiin ummataa kan nama dhuunfaa tokkoo, nama boordii hogganuu ta’eet ture jedhu.
 
Kun ammoo hidhicharratti kisaaraa hamaa qaqqabsiiseraan ibsu.
 
Proojaktichi amma boordii dansaa argachuu fi proojaktummaa ummataatti deebi’uus kaasaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.