Fana: At a Speed of Life!

Hikkaanna hidhannoo hidhattoota Tigraayirratti Magaalaa Shireetti mari’atamaa Jira-TKM

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015(FBC)- Haala hikkaanna hidhannoo hidhattoota Tigraay ilaalchisee Koreen waloo hundaa’ee Shireetti mari’achaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi ibsa baaseen akka beeksisetti, bu’uuruma waliigaltee Piritooriyaan karooraa hiikkannaa hidhanoo ABUT kan qopheessuu koreen waloo ogeeyyii kaleessa Sadaasa 21, 2015 eegalee Magaalaa Shireetti mari’achaa jira.

Mootummaan federaalaa hidhattoota Tigraay waliin koreen waloo hundaa’e guyyoottan muraasa dhufanitti hojii isaa ni xumura jedhame akka eegamuu ibseera.

Korichi karooraa baaseen, hiikkannaa hidhannoo, kaampii galchuu fi dhimmoota walqabataniif deebii kan kennu ta’uu eereera.

Hojiin karooraa baasuu sababa dhimmoota teeknikaan harkifachuu tajaajilichi ibsa baase kanaan yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.