Fana: At a Speed of Life!

Himanni Aanga’oota ABUT irratti banamee ture adda cite

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015 (FBC) – Himanni hoggantoota waraanaa fi siiviilii ABUT yakkaan shakkamanirratti banamee ture adda cituu ibsame.

Waliigaltee Nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti Piriitooriyaatti taasiifame hordofee sababa walitti bu’iinsaan yakki raawwatame karaa ce’umsa haqaan akka ilaallamu qabu waliigalamuu ibsameera.

Muuxannoo idil addunyaa tilmaama keessa galchuun yakkawwan walitti bu’iinsaan walqabatee raawwatamaniif itti gaafatamummaa ilaalchisee adeemsa ce’umsa haqaan akka ilaallamu waliigalamuu Ministeerri Haqaa beeksiseera.

Haaluma kanaan hoggantoonni waraanaa fi Siiviilii ABUT yakkaan shakkamuun himatamanii turan dhimmi isaanii yeroo itti aanu adeemsa ce’umsa haqaan akka ilaallamu barbaachisaa ta’ee argamuu himameera.

Akkaatuma kanaan himanni banamuun adeemsa falmiirra ture bu’uura labsii himannaa yakkaa lakkoofsa 943/2008 keewwata 6 muraa 3tiin himannichi ka’uu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.