Fana: At a Speed of Life!

Himatamaan lakkoofsa iccitii namoota dhuunfaa fudhachuun maallaqa waliin dhahe hidhaa cimaan adabame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC) – Himatamaan Siistama baankiin sirreessa jechuun lakkoofsa iccitii namoota dhuunfaa fudhachuun maallaqa waliin dhahe hidhaa cimaa fi maallaqaa adabameera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi yakka addaa ramaddii 1ffaa Lidaataa oolmaa har’a ooleen ragaa himatamaarratti dhiyaate qorachuun himatamaarratti adabbii hidhaa cimaa fi maallaqaa murteesseera.

Himatamaan kun yeroo garaagaraatti Baankii Daldalaa Itiyoophiyaarraa akka bilbilame fakkeessuun lakkoofsa iccitii namoota dhuunfaa 6 fudhachuun Birrii kuma 370 waliin dhihuun yakkaan himatameera.

Himatamaan kun yakkicha hin raawwanne jechuun waakkachuu hordofee Abbaan Alangaa ragaa sanadaa fi namaa dhaddachaaf dhiyeessuu himameera.

Manni murtichaa ragaa Abbaa Alangaan dhiyaate qorachuun himatamaan ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu yaada murtoo kennus himatamaan ragicha qolachuu dadhabuu isaan murtoon balleessummaa irratti darbeera.

Haaluma kanaan manni murtichaa yaadoota addabbii hir’isan qabachuun himatamaan hidhaa cimaa waggaa 6 fi walakkaa, akkasumas Birrii kuma 6 akka adabamu itti murteessera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.