Fana: At a Speed of Life!

Himatamtoota hiriira deeggarsaa MM FDRI Dooktar Abiy irratti boombii darbachuun yakka Shoroorfkeessumaan himataman 5 balleessaa qabaachuu himame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Hiriira deeggarsa Waxabajii 16, 2010 addabaabayii Masqalaatti ba’amerratti boombii darbachuun himatamtoonni yakka shoroorkeessummaan himatam 5 badii qabaachuu himameera.
 
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha 1ffaan Geetuu Tolasaa, Birihaanuu Jafaar, Xilahuun Geetaachaw, Dassaaleenyi Tasfaayee fi Bahiruu Tolaafaan yakka baleessummaa raawwachuu isaanii itti himeera.
 
Abbaan Alangaa himatamtoonni kunneen Seera yakkaa FDRI keeyyata 32/ muraa 1A, akkasumas keeyyata 38 fi labsii shoroorkeessummaa lakkoofsa 652/2001 keeyyata 3 jalatti tumame darbuun jijjiirramni biyyattii mootummaa Dooktar Abiyyiin durfamu jiraachuu hin qabu jechuun kaayyoo isaanii tarkaaffachiisuuf socho’aniiru jechuun himata irratti baneera.
 
Himatamtoonni 1ffaa hanga 4ffaatti tarreeffaman badii kana raawwachuuf magaalaa Sulultaa ka’uun bilbilaa fi qaamaan wal arguun qophii taasisaa turuu Abbaan Alangaa ibseera.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hiriira deeggarsichaarratti haasawa erga taasisanii booda fageenya meetira 40 irratti boombii darbachuun namoota 163 irratti miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa qaqqabsiisuu isaanii Abbaan alangichaa eereera.
 
Manni murtichaa ragaa sanadaa Abbaa Alangaa fi ragaa ittisaa himatamtootaa qorachuun yakki ittiin himataman badii ta’uu isaa himeera.
 
Murtee balleessummaa laachuuf Onkololeessaa 17, 2013tti beellama laateera.
 
Manni murtichaa hanga beellamichaatti yaada adabbii salphisuu dhiyeeffachuu akka danda’an ajaje dabarseera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.