Fana: At a Speed of Life!

Hindi, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaatti weerarri vaayrasii koroonaa ariitiin dabalaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) – Hindi, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaatti weerarri vaayrasii koroonaa ariitiin dabalaa jiraachuu ibsame.
 
Ameerikaatti (US) gabaasa qorannoo sa’aa 24tiin namoonni kumni 45 fi 242 Covid -19 qabamaniiru.
 
Waliigala biyyattiitti lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 fi kuma 52 fi 956 ga’eera.
 
Kibba Ameerikaa Braaziilitti gabaasaa qorannoo sa’aa 24tiin namoonni kumni 46 fi 860 vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni 990 ammoo lubbuun darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
 
Braaziilitti waliigala namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 74 fi 974 dhibichaan qabamana keessaa lubbuun namoota kuma 55 fi 961 darbuu ministeerich ifoomseera.
 
Kaaba Ameerikaa Meessikoottis gabaasa qorannoo sa’aa 24tiin namoonni kumni 5 fi 441 dhibichaan yoo qabaman, namoonni 719 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Ministeerri Fayyaa Meessikoo akka beeksiseetti, waliigala namoota kuma dhibba 2 fi kuma 8 fi 392 vaayrasichaan
qabaman keessaa, namoonni kumni 25 fi 779 du’aniiru.
 
Oduu walfakkaatuun Hinditti gabaasa qorannoo sa’aa 24tiin namoonni kumni 17 vaayrasii kanaan qabamuu isaanii Ministeerri Fayyaa biyyattii ifoomseera.
 
Indiyaatti waliigala gala namoota kuma dhibba 5 fi kuma 9 fi 441 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 15 fi 689 darbeera.
 
Biyyattiitti hanga Adooleessa 15nitti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 770,000 – 925,000 ga’uu akka danda’u ministeerichi beeksiseera.
 
Waliigala addunyaarratti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii miiliyoona 9 fi kuma dhibba 9 fi kuma 10 fi 137 ga’eera.
 
Namonni kumni dhibbi 4 fi kumni 97 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Maddi:- Reuters
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.