Fana: At a Speed of Life!

Hindii fi Baangilaadiishitti Obombboleessi cimaan mudate lubbuu namoota 9 galaafate

Finfinnee, Caamsaa 19, 2016 (FBC) – Hindii fi Baangilaadiishitti Obombboleessi cimaan ‘Reemaal’ jedhamu lubbuu namoota 9 galaafachuu fi namoota miiliyoona 1 ol ta’an buqqisuu ibsameera.
Obomboleessi kun Baangilaadiish naannawaa buufata Moongilaa fi Lixa Hindi bulchiinsa Beengaal dhiheenya Odola Saagaaritti mudachuu eerameera.
Obomboleessi sa’aatii tokkotti fageenya kiiloo meetira 135 uwwisu mudachuu eerameera.
Balichi Halkan kaleessaa akka lakkoofsa yeroo naannawichaatti sa’aatii 3:00 irratti kan mudate yoo ta’uu, sa’aatii shaniif itti fufiinsaan turuu Waajjirri Raaga Haala Qilleensaa Koolkaattaa beekisiseera.
Baangilaadiish Baariishaal, Saatikiiraa, Pootuukaalii, Boolaa fi Chaattoogiraamitti lubbuun namoota 7 yoo darbu, Lixa Hindi Bulchiinsa Beengaalitti ammoo namoonni 2 du’uu Al Jazeeran gabaaseera.
Kana hordofee Daandiin Qilleensaa Koolkaattaan balalliiwwan biyya keessaa fi idil addunyaa 50 haquu ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.