Fana: At a Speed of Life!

Hinditti guyyaa tokkoon namoonni kumni 17 COVID – 19 qabaman

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Hindi guyyaa tokkotti lakkoofsa namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii olaanaa galmeessite.

Hinditti guyyaa tokkotti namoonni kumni 17 ta’an vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsameera.

Kunis addunyaarratti kan hanga ammaatti muul’atan keessaa isaa olaanaadha jedhameera.

Hinditti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma dhibba 4 fi kuma 70 qaqqabeera.

Namoonni kumni 14 fi 894  ammoo lubbuun darbeera.

Haaluma walfakkaatun addunyaarratti namoonni miiliyoonni 9.5 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma dhibba 4 fi kuma 85 darbeera.

Addunyaarratti namoonni dandamatan ammoo miiliyoona 5.1 yoo ta’u, namoonni vaayrasichaan qabaman walakkaa ol dandamataniiru.

Maddi:- BBC fi Worldometer

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.