Fana: At a Speed of Life!

Hinditti hojjettoonni ijaarsaa holqa jige keessa turan 41 guyyoota 17 booda lubbuun bahan

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Hindi Kutaa Bulchiinsa Utaaraakhaanditti hojjettoonni ijaarsaa holqa jige keessa turan 41 guyyoota 17 booda lubbuun ba’uu isaanii ibsameera.

Namoonni kunneen lubbuun argamuu isaanii hordofee Ministirri Muummee biyyattii Naareendaraa Moodiin erga baga gammaddanii dabarsaniiru.

Balaan kun Bara Faranjootaa Sadaasa 12, 2023 kan qaqqabe yoo ta’uu, lubbuu namoota kanneenii baraaruuf hojjetamaa turuu ibsameera.

Hojjettoota kanneen baasuufis holqi kiiloomeetira 4.5 dheeratu qotamuu isaa ‘DD news’ gabaaseera.

Hojjettoonni lubbuun argaman kunneen yeroo ammaa Dhaabbilee yaalaa naannawichatti argamu keessatti yaalamaa jiraachuu eerameera.

Holqi kun qaama daandii guddaa Hidha Chaar Doolaara biiliyoona 1.5n hojjetamaa jiru yoo ta’u, pirojektoota gurguddoo Ministira Muummee Naareendiraa Moodiin hojjetan keessaa tokko ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.