Fana: At a Speed of Life!

Hiriira deeggarsaa Finfinneetti gaggeeffamuuf daandiilee cufaa ta’an Poolisiin ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC)-Hiriira deeggarsaa Magaalaa Finfinneetti boru gaggeeffamuuf daandileen cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Hiriirichi nagaan akka xumuramuuf qophin taasisuun hojiitti seenuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa beeksiseera.

Muddamni sochii tiraafikaa akka hinmudanneefis daandiilee konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.

Haaluma kanaan:

• Addaabaabaayii Tewoodiroosiin Tiyaatiraa Biyyaalessan gara Addaabaabaayii Masqalaatti kan geessu Addaabaabaayii Tewoodiroosiitti,

• Daandiin Mana Amantaa Ura’eel irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessuu Addabaabaayii Uraa’eelitti;

•Daandiin Kallattii Booleerraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessuu Addabaabaayii Oloompiya olii fi gadiin akkasumas bitaa fi mirgaan,

•Masqaal Filaawooriirraa gara Gara Olompiyaa Addabaabaayii Gazeebootti,

•Gootaraa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessuu Siniimaa Agoonaatti,

• Mana Amntaa Qiirqoos daandii haaraarraan gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsa Lagaa Harree irratti,

• Meeksiikoo irraa garaa Addabaabaayii masqalaatti imalaan ibsaa laga harreetti,

• Kallattii geejjaa Safar irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti konkolaattootaa dhufaniif Ibsaa tiraafikaa Sangaa taraatti,

• Ibsa Harrambee yookaan Siniimaa Ambaasaadddar irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsa Harrambeerratti

•Masaraa Mootummaa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Masaraa mootummaa Cinaatti,

• Kazaanchis irraa gara Baambiis kan geessu Sheelii Cinaatti

• Hooteelaa Juupitar irra gara Koomishinii Diinagdee Afrikaa (ECA) kan geessuu gamoo Saalkoot cinaatti gara barii sa’aatii 11:00 irraa eegalee hangaa hiriirichi xumuramutti cufaa ta’uu hubachuun, konkolattoonni daandiiwwan filmaataa biroo akka fayyadamaan Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Dabalataan, daandileen kunneen jala bultii sa’aatii 12:00 eegalee hanaga hiriirichi xumuramutti konkolaattotaa dhaabanii deemunis ta’ee bulchuun dhorkaa ta’uu beeksiseera.

Hawaasanis wantoota nageenyaaf shakkisiisoo ta’an wayita mudatuunitti 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 akkasumas sarara bilbila bilisaa 987, 991 fi 816 eeruu kennuun tumsa barbaachisaa taasisuun gahee isanii akka bahatan humnichi waloo waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.