Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Afrikaa karoora nageenyaa Traamp qeeqan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Hoggantoonni Afrikaa karoora nageenyaa preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Israa’eelii fi Filisxeem ilaalchisuun dhiyeessan qeeqaniiru.

Hoggantoonni yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaarratti hirmaatan, karoorri nageenyaa kun faayidaa fi nageenya lammiilee Filisxeem kan hin eegne jedhaniiru.

Dura taa’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii Mahaammat, karooricharratti sadarkaa idil addunyaatti mariin irratti hin taasifamne jedhan.

Innuummoo mirga lammiilee Filisxeem kan hin eegsifne ta’uu hirmaattotaaf ibsaniiru.

Karoora nageenyaa Traamp dhiyyeessan lammiileen Filisxeem akka hin fudhanne ibsachuun isaanii ni yaadatama.

Dhimmichi furmaata idil addunyaa akka barbaadus ibsameera.

Maddi:- Afrikaan Niiws

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.