Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanoo fi Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii proojektoota misoomaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoo fi Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Nannoo Hararii proojektoota misoomaa adda addaa daawwataniiru.

Hoggantoonni kunneen leenjii mata duree ‘yaadama siyaasaa haaraa, bu’aa haaraa biyyaaf’ jedhuun leenii leenji’aa jiraniin cinaatti, proojektoota naannicha keessatti hojjetamaa jiran garaagaraa daawwataniiru.

Daawwannaasaanii kanaanis giddugala beekumsa naannoo Hararii ijaaramaa jiru, sochii hojii Biiroo Abbaa Alangaa, warshaalee oksijiinii fi daakuu, ijaarsa bishaan dhugaatii, qophii ashaaraa magariisaaf taasifamaa jiruufi kanneen biroo daawwataniiru.

Daawwannichaarratti hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii obbo Abduljabbaar Mahaammad dabalatee, hoggantoonni olaannoo fi giddugaleessaa hirmaataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.