Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon naannoo Oromiyaa fi Amaaraa dhimmoota waloorratti mari’ataa jiru

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon naannoo Oromiyaa fi Amaaraa dhimmoota nageenyaa fi misoomaa waloorratti mari’ataa jiraachuu ibsame.
Hoggantoonni kunneen ajandaawwan nageenyaa fi misoomaa naannolee lamaaniirratti marii taasiisa jiru.
Rakkoo nageenyaa irra deddeebiin naannoo Oromiyaa fi Amaaraa gidduutti muul’atu furuuf tumsaa fi qindoominaan haala hojjechuun danda’amurratti xiyyeeffachuun kan mari’atan ta’uu sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessan kilaasteera hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisaa Araggaan ibsaniiru.
Ajjeechaa fi buqqaatii lammiilee nagaarra qaqqabu ariitiin dhaabsiisuuf, ka’umsa walitti bu’iinsa adda baasuun tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf, qaamolee miidhaa qaqqabsiisan seeratti dhiyeessuuf, lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deebisanii dhaabuu haala danda’amurratti waliin hojjechuuf hoggantoonni kunneen marii gaggeessaa jiru jedhan.
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi kan Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Agenyewu Tashaagar marii dhimma misoomaa fii Nageenyaa waloo irratti gaggeeffamu kana gaggeessaa jiru jedhame.
Hariiroo ummattoota naannolee lamaanii caalmaatti cimsuuf fi bu’uuraalee misoomaa naannolee kanneen giddutti hojjetamaa jiru saffisaan xummuruun fayyadamummaa ummattootaa mirkaneessuuf dhimmoota dandeessiisanirratti marii taasiisa akka jiranis himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.