Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa oomisha qonnaa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoon Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee fi Adaamii Tulluutti Oomisha qonnaa daawwataniiru

Hoggantoonni leenjii Paartii Badhaadhinaa mata duree, “Idaarraa mindaatti” jedhuu leenji’aa turan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee fi Adaamii Tulluutti Oomisha qonnaa daawwataniiru.

Hojii qonnaa jabeessuuf muuxannoo wal irraa fudhachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hoggantoonni kunneen Qonnaa kilaastera qamadii, Boqqolloo, Boloqqee fi Avokaadoo daawwataniiru.

Daawwattoonni naannolee adda addaarraa dhufan Oromiyaan hojii qonnaan angafa ta’uu eeruun, muuxannoo argatan naannoo isaanitti hojiirra kan oolchan ta’uu kaasaniiru.

Af-yaa’ii Mana Maree  Federeeshinii Obbo Aganyaw Tashaagir, dursaa Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahii fi Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hoggantoonni sadarkaa garaagaraa daawwannaa kanarratti argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.