Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoota shaneerraa ergama fudhachuun gocha shororkeessummaaf socho’aa kan turan shakkamtoonni 9 mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Amajjii 1, 2015(FBC)- Miseensota garee shrorkeessaa shanee ta’uun hoggantoota garechaa waliin tooftaalee quunnamtii garaagaraan wal arguun Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti gocha shororkeessummaa raawwachuuf socho’aa turan kan jedhaman shakkamtoonni 9 to’atamuun mana murtiitti dhiyaataniiru.

Shakkamtoonni kunneenis Ifaa Makuriyaa, Naasiir Yaasin, Galataa Katamaa, Seenessaa Abarraa, Moosisaa Tolasaa, Immaammii Darribawu, Ifaat Ahimad, Dabalaa Amaanu’eel, Amaanu’eel Barkeessaa kan jedhaman ta’uun ibsameera.

Shakkamtoonni Dhaddacha Ramaddii Beellama Yeroo Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti dhiyaachuun har’a dhimmi isaanii ilaalameera.

Shakkamtoonni heeraa fi sirna heera mootummaa humnaan diiguuf miseensa garee shororkeessaa shanee ta’uun hoggantoota garechaa waliin walquunnamuun ergama fudhachuu Poolisii Qorataan dhaddachaaf ibseera.

Haaluma kanaan, Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti bakka ummanni walitti qabametti haleellaa raawwachuuf gurma’uun garee shororkeessichaan leenjii fudhachuun akkasumas, miseensota abbaa torbeef loojistiksii dhiyeessuun Mudde 15, 2015 gocha shororkeessummaa raawwachuuf wayita socho’an to’atamuun ibsameera.

Dabalataan, Poolisii Qorataan jecha isaanii fuuchuu, suuraa fi ashaaraa kaasuu akkasumas manneen jireenyaa isaanii ajaja mana murtiin sakatta’amuu kaaseera.

Bilbilli moobaayilaa isaanii qorannoof ergamuu fi baankiiwwan mootummaa fi dhuunfaarraa daddabarsaa maallaqaa qulqulleessuuf ragaa gaafachuu ibseera.

Poolisii qorataan ragaa Dhaabbata Nageenyaa fi Odeeffaannoo Biyyaalessaarraa fiduuf, jecha raga baatotaa fuuchuu, ragaalee dabalataa walitti qabuun dhiyeessuuf yeroo qorannoo guyyoota 14 gaafateera.

Shakkamtoonni gama isaaniin yakka kan hinraawwanne ta’uu eeruun ragaa walitti qabuuf jecha yeroon dabalataa kennamuun akka hinqabne fi mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf dhaddacha gaafataniiru.

Shakkamtoonni muraasni ammo hojjettootaa mootummaa ta’uu fi teessoo dhaabbataa akka waan qabaniif wabiin yoo ba’an bakka birootti baqachuu akka hindandeenye eeranii, mirgi wabii isaanii akka eegamuuf gaafataniiru.

Dhaddachichis, gaaffii mirga wabii shakkamtootaa yeroof darbuun qorannoon dabalataa barbaachisaa ta’uu kaaseera.

Haaluma kanaan ragaa walitti qabuun jecha raga baatotaa qabatee akka dhiyaatu guyyoota qorannoo 14 poolisiin gaafate keessaa torban tokko eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.