Fana: At a Speed of Life!

Hojii duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffame keessatti hirmaannaa olaanaa ummanni Tigraay taasiisaniif Komishinich galateeffate

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Gareen Finxaaleyyii lolaan erga injifatamanii booda of dhoksuuf uffataa jalqabee of jijjiiruun iddoo iddoo iddootti socho’aa jiraachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa odeeffannoo qabaachuu beeksiseera.
Gaggeessitoonni fi Hoggantoota waraanaa olaanoo yakka biyya ganuun barbaaddaman 15 too’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa akka jirus Komishiniin Poolisii Federaalaa ibseera.
Gochaa badii garee finxaaleeyyii ABUT waliin kallattii fi karaa naannawaan hirmaachuun kanneen shakkaman hoggantootaa waraanaa olaanoo ajajni qabamuu mana murtiin irratti ba’uun isaa kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan hoggantoota olaanoo ajajni irratti ba’e keessaa:-
1. Meejar Jeneraal Gabra Madihiin Fiqaaduu Hayiluu
2. Meejar Jeneraal Yidaaw Gabra Madihiin
3. Birgaadeer Jeneraal Gabra Hiyiwat Siisnoos Gabruu
4. Birgaadeer Jeneraal Insuu Ijjaajjoo Iraashoo
5. Birgaadeer Jeneraal Fissahaa Gabra Sillaasee
6. Kolooneer Dassaaleenyi Abbaabaa Tasfaayee
7. Kolooneer Iyyaasuu Nagaashj Tasammaa
8. Kolooneer Maabraatuu Tadlaa Walda Mikaa’eel
9. Kolooneer Baaraakii Xamaaloow Gabruu
10. Kolooneer Hayilaay Mazgabuu Maashoo
11. Kolooneer Fissaahaa Giday Walda Maariyaam
12. Leetanaal Kolooneer Muuzay Tasammaa Siyyuum
13. Leetanaal Kolooneer Fissaahaa Bayyanaa Gabra Kidaan
14. Leetanaal Kolooneer Miruuts Walda Aragaay Gabra Masqal
15. Leetanaal Kolooneer Miruuts Barihee Abarraan too’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiseera.
Duulaa olaantummaa seeraa kabachiisuu Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Poolisiiin Federaalaa qindoominaan gaggeessaniin hoggantoota waraanaa olaanoo 5 irratti ammoo tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.
1. Kolooneer Tasfaayee Gabra Madihiin
2. Kolooneer Yeemaannaa Gabra Mikaa’eel
3. Kolooneer Haddish Gabra Tsaadiq
4. Kolooneer Maa’ishoo
5. Kolooneer Alem Gabra Madihiin kanneen jedhaman irratti tarkaafiin fudhatamuu eerrameera.
Hojii duula olaantummaa kabachiisuu gaggeeffame keessatti hirmaannaa olaanaa ummanni Tigraay taasiisaniif Komishiniin Poolisii Federaalaa galateeffateera.
Hoggantoota hafan biroo too’achuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.