Fana: At a Speed of Life!

Hojii Ijaarsa Hidha Haaromsaa milkeessuun Agarsiiftuu Waan jalqabne xumuruu keenyati- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) –Waltajii Mana Maree qindeessaa Ijaarsa Hidha Haaromsaa naannoo Oromiyaa qooda fudhattoota waliin Adaamaa Galma Gadaatti dhimma hidhichaarratti mari’ateera.

Itti aantuu pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi qindeessituun kilaastara misooma magaalotaa adde Caaltuu Saanii maricharatti argamuun haasaa taasisaniin ijaarsi hidha haaromsaa agarsiiftuu waan jalqabne ittiin xumurruudha jedhaniiru.

Ijaarsi hidha haaromsaa jalqarraa kaasee hanga xumura isaatti duuka bu’uun tumsa waloo taasisuun milkii isaa arguuf hojjachuun gahee hundaa ta’uu dubbataniiru.

Hooggansi jijjiiramaa hidha haaromsaa madda kiraa sassaabdummaa ta’ee ture, yeroo ammaa hojii boonsaa hojjatameen badii kaleessa ture irraa baraaruun bu’aa abdachiisaa irraan gahuu danda’ee ta’uu adde Caaltuun ibsaniiruu.

Diina keenya karaa ittiin hinjifachuu dandeenyu keessaa porojektoota meeggaa ta’an ijaarsisuu fi isaan jalqaban kan biroo xumursiisuun tajaajilasf qaqqasiisuu akka ta’es kaasaniiru.

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa gamasaanitiin haasaa taasisaniin porojaktiin hidha haaromsaa irratti hirmaannan hanga ammaatti taasifamaa jiru gaarii ta’us hojiin bal’aan kan hafu ta’uu ibsaniiru.

Gurgurtaa boondii irratti si’aayinaan mana maree fi koreen hidha haaromsaa qindoominaan hojjachuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Ummanni bal’aa,manni maree fi koreen sadarkaa gara gargaraa dhimma ijaarsa hidha haaromsaa irratti rakkoolee mudatan maqsuun ciminaa fi qulqullinaan hojjachuun murteessaa ta’uu Obbo Geetaachoon kaasaniiru.

Marii kanarratti raawwi hojii ijaarsa hidha haaromsaa hanga ammatti jiru hirmaattotaaf dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.