Fana: At a Speed of Life!

Hojii raawwachiisaan Booyiing hojiirraa gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Hojii Raawwachiisaan Booyiing; Deeniis Muuliinbarg hojiirraa gaggeeffamaniiru.

Hoji raawwachiisaan Booyiing Deeniis Muuliinbarg sababii oomisha Booyiing, xiyyaara Maaks 737 hojiirraa gaggeeffamaniiru.

Xiyyaaricharra balaan qaqqabuu fi sanaan booda oomishaa fi hojii dhaabuu isaatin dhaabbatichi kisaaraaf saaxilameera.

Booyiing oomisha isaa gara gabaatti deebisuuf hojjechaa jiras jedhameera. Yeroodhaf garuu amma rakkoo isa mudate sirreeffatutti balalii dhoorkameera.

Dhaabbatichi bakka hoji raawwachiisaa hojiirraa gaggeeffamanii Deeviid Chaalhoon hojii raawwachiisaa olaanaa taasisuun muudera.

Boordiin dhaabbata Booyiing jijjiirraan gaggeessaa taasifamuun dhaabbatichaa fi maammiltootaaf amanamummaa dabaluuf akka ta’e ibseera.

Xiyyarri Maaks 737 Indooneezhiyaa fi Ityoophiyaatti balaan erga irra qaqqabeen booda balallii akka hin taasifne ugguramuun isaa ni yaadatama.

Maddi:- CNN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.