Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee kominikeeshinii sirnaan hojjechuuf kutannoon siyaasaa cimaan jiraachuun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Hojiilee kominikeeshinii sirnaan hojjechuuf kutannoon siyaasaa cimaan jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii miidiyaa dijitaalaa fi kominikeeshiniirratti hoggantootaa fi ogeeyyi naannichaaf leenjii kenneera.

Deetaan Ministiraa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawiiti Kaasaa, hojiilee kominikeeshinii sirnaan gaggeessuuf kutannoon siyaasaa cimaan jiraachuu eeranii, carraa gaarii kanas sirnaan fayyadamuu barbaachisaa jedhan.

Biyyattiin aadaa diimokiraasaa cimaa ijaaruu jalqabdee jiraachuu fi mootummaan xiyyeeffannoo miidiyaalee dijitaalaaf kenneen damecha cimsuuf carraa gaarii ta’uu ibsaniru.

Itti Gaaftamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii Obbo Abduljabbaar Mahaammad akka ibsanitti hojiin kominikeeshinii itti gaafatamaa hoggansaa hundaati jedhaniiru.

Hoggansa kominikeeshinii bu’aa qabeessa uumuuf hojii ijoo yerochi gaafatu ta’uu ibsanii, keessumaa miidiyaan hawaasummaa, hawaasa walitti dhiyeessuu, biyyaa cina gaariin ijaaruu fi itti fufsiisuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Hooggansis keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti hirmaannaa qabu guddisuu akka qabu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.