Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misooma Qamadii fi Garbuu Biiraa Shawaa Kaabaa daawwataman

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Jilli Hoogganaa Biiroo Qonnaa oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaalee Jiddaa, Abbichuu fi Nyaa’aa akkasumas Qimbibiititti hojiilee msisooma qamadii fi garbuu biiraa Bonaan misoomaa jiru daawwatan.

Daawwannicharratti Obbo Geetuun bara kana hojii karoora xiiqii misooma qamadii Bonaan lafa hektaara miliyoona 2.8 misoomsuuf qabameen hojiilee jajjabeessoon hojjetaman injifannoo dabalataa argamsiisuu himaniiru.

Godina Shawaa Kaabaattis hojiileen misooma qamadiifi Garbuu Biqila Biiraa Bonaan misooman imala ce’umsa qonnaa keenyaa kan mirakaneessuu dandeessisuu fi abdii namatti horu ta’uu ibsaniiru.

Muuxannoo misooma Qamadii fi Garbuu Biqila Biiraarratti argame babal’isuun, oomishicha alatti erguun sharafa alaa argamsiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.

Ministir Deetaan Ministeeraa Qonnaa fi Itti gaafatamaan Damee Qonnaaa fi Hortikaalcharii Dooktar Mellesee Alamuu daawwanicharratti akka jedhanitti Naannoo Oromiyaatti hojiilee jajjabeessaa fi bu’a qabeessa ta’an damee qonnaan hojjetamaa jiru.

Milkaa’ina kanaaf hooggansii fi caasaan qonnaa sadarkaan jiru qindoomina cimaan hojjechuun akka ta’e eeraniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Masaay Warquu gama isaaniin duraan hojii qonnaa yeroo Bonaaf xiyyeeffannoon kennamaa ture laafaa ta’uu yaadachiisanii, hojii qindoominaan hojjetameen Garbuun Biqila Biiraafi Qamadiin haala gaariin misoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan Bultoonni Aanaa Jiddaa, Abbichuu fi Qimbibiit yeroo ammatti hojiilee misooma Qamadii fi Garbuu Biiraa jallisiin misoomsaniraa fayyadamoo ta’aa jiraachuu fi fuulduraattis muuxannoo argataniin daran fayyadamuuf kan hojjetan ta’uu dubbachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.