Fana: At a Speed of Life!

Hojiin humna shororkeessaa Shanee hordofanii dhabamsiisuu cimee itti fufuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 21, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaa Godinaalee Gujii fi Booranaa akkasumas naannawaa daangaa Naannoo Somaalee Ityoophiyaatti duulli humna shororkeessaa Shanee dhabamsiisuu haala yaadameen gaggeeffamaa jiraachuu hoggantoonni duulichaa hogganan dubbatan.
 
Godina Gujii Bahaa Aanaa Liibanitti gandoota garee shororkeessichaa jala turan, qabiyyee diinaa jalaa gadi lakkisiisuun ummata gurmeessuu, bu’uuraalee misoomaa deebisanii tajaajila jalqabsiisuu, nageenya hawaasaa mirkaneessuun abbaa eegumsa nageeyaa taasisuu fi dhimmoota walqabatanirratti mariin xiyyeeffate gaggeeffamaa jira jedhameera.
 
Gandoota walaboomanittis jila qondaaltota olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa duulicha gaggeessanii fi hoggantoota olaanoo godinichaa dabalatee mariin gaggeeffameera.
 
Maricharratti Qondaalli Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa duulicha hogganan, kutaa Kaabaa biyyattiitti walitti bu’iinsaa mudatee turee akka carraatti fayyadamuun gareen shororkeessaa Shanee hawaasaarraan miidhaalee garaagaraa geessisaa turuu dubbatan.
 
Rakkoo kana itti fufiinsaan furuu fi garee hidhatee kana naannawichaa balleessuuf kan gargaaru hojiin duulaa gaggeeffamaa jiraachuu dubbatanii, bu’aa argameenis Aanaa Liibaniin dabaltee gandoota hedduu diinarraa walaboomsuun akka danda’ame qondaalli duulicha ibsaniiru.
 
Dabalataan qabeenyi diinaa hedduun qabamuu, ummata gidduu ta’anii qaamoleen diinaaf hojjetan adda baafamuu fi diinni deebi’ee akka hingurmoofne taasisuun, hojiin dandeettii isaa dadhabsiisuu hojjetamuu kaasaniiru.
 
Ummanni hundi dursaa duula kanaa adda duree ta’uun humna shororkeessaa rakkoo Ityoophiyaanota hundaa ta’e dhabamsiisuun, garaa sochii naga-qabeessaa baratametti deebi’uu qabna jedhaniiru.
 
Bulchaan Godina Gujii Bahaa Obbo Taaddalaa Uddoo gama isaaniin, gareen hidhataa Shanee godinichatti miidhaalee jechaan ibsuun ulfaatu ummatarraan geessisuu beeksisaniiru.
 
Rakkoo kanas hanga xumuraatti furuuf caasaan nageenyaa naannawichatti argamu wareegama lubbuu kaffaluun, aantummaa ummaataaf qabu mirkaneessaa akka jiru dubbatanii, wareegamni kunis bu’aa barbaadame akka fiduuf hirmaannaan ummataa beellamaa kan barbaadu waan hintaaneef hunduu gahee isaa bahachuu qaba jechuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.