Fana: At a Speed of Life!

Hojiin ittisa vaayrasii koroonaa sirna cimaan hogganamuu qaba-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Hojiin itti vaayrasii koroonaa duulaa keessaa bahee sirnaan hogganamuu akka qabuu Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin  yaadachisaniiru.

Weerarri vaayrasii koroonaa baatiiwwan 15 keessaatti lubbuu namoota kuma 4 fi 235 kan galatafatee fi yeroo itti aanuutti hojii of eeggannoo cimee akka itti fufuu qabu obbo Dammaqaan himaniiru.

Weerara vaayrasichaa ittisuurratti shoorrii dhaabbilee barnootaa olaanaa  ta’u himuun, mootummaa hojiiwwan qorannoo hojjetamaniif haala mijataa uumuu eerraniiru.

Ministeerri Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, weeraricha ittisuuf ammoo hojiin ittisa eegalamee qorannoo deeggaramee akka itti fufuu fi ofeggannoo taasifamuu ciminaan akka itti fufuu qabu himaniiru.

Ministeerri Ministira Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamuu’eel Urkatoo, yuunvarsiitiiwwan weerara vaayrasichaa ittisuuf tattaaffii taasifamuu hojii beekumsaan tumsuun hojjetaa turan cimsanii akka itti fufaan himuu EBCn gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.