Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Misooma Sululaa Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti eegalame

Finfinnee, Amajjii 2, 2012 (FBC) – Hojiin Misooma Sululaa fi Kunuunsa Qabeenya uummamaa bara 2012 Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti eegalamee jira.

Guyyaa har’aa hojiin misooma sululaa fi kunuunsa qabeenya uummamaa Godina Gujii aanaalee 14 keessatti lafa hektaara kuma 60 ol misoomsuuf eegalamuu isaa ibsameera.

Godinichatti hojii misooma sululaa kana irratti qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 80 kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun hojiin misooma sululaa kun Godina Harargee Lixaattis kan eegalame yoo ta’u, duula kana irratti hoggantoonni Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummaa Oromiyaa argamaniiru.

Bara kana Oromiyaa keessatti lafa hektaara miiliyoona 2.1 hojii misooma sululaan misoomsuuf hojiin isaa duulan eegalamuu hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee dubbataniiru.

Misooma kanaaf sululawwan kumni 6 fi 448 adda ba’uu fi namoonni miiliyoonni 6.8 irratti kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Aanaalee godinichaa hojii misooma sululaan muuxxannoo gaarii qaban caalmaatti cimsuuf ni hojjetama jedhameera.

Akka OBN gabaaseetti jiraattoonni Godinaalee kanneennis bu’aa kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma sululaa irraa argamaa jiru itti fufsiisuuf bara kana bifa qindaa’een hojjechuuf hojii eegaluu isaanii ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.