Fana: At a Speed of Life!

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu naannolee hundatti cimee itti fufeera-TKM

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaa, Gambeellaa, Beenishaangul Gumuz, Amaaraa fi Afaaritti hojiileen olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu haala waqataawaarratti ibsa miidiyaaleef kennaniin, kallattii Mana Maree Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaan kaa’ameen, hojiin seera kabachiisuu gaggeeffamaa jiraan bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Haleellaa Naannoo Gambeellaa, Beenishaangul Gumuzii fi Naannoo Oromiyaa Dambii Doolloo fi Gimbiitti raawwatame guutummaatti fashaalaa’uu himaniiru.

Qaamoleen nageenyaa hawaasa naannawichaa waliin ta’uun tarkaanfii gareewwan shororkeessitootarratti fudhateen miseensonni garechaa hedduun barbadeeffamuu fi kanneen bosonaa keessa faca’uun dhokatan hawaasaa waliin ta’uun adamsamaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaa naannawaalee haleellaan gareewwan shororkeesstootaan raawwateetti maatii miidhaamtootaa dandamachiisuun gaggeeffamaa akka jiruu fi hawaasnis sochii idileetti deebi’uu himaniiru.

Ammas hawaasni tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa jiru tumsuun nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaa isaa akka cimsu gaafatameera.

Gareen shororkeessitootaa lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuun xiyyeeffannoo qaama bira argachuuf, mootummaa fi uummata hojiilee misoomaarraa maqsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sochiileen shororkeessummaa biyyattiitti gaggeeffaman siyaasaa bishaanii fi quubsumaan kallattiin kan walqabatan ta’uu eeran.

Keessumaa humnoonni miidaalee hawaasummaarratti bobbaafaman, maallaqa olaanaa kaaffalamuufiin gowwoomfamaas ta’u, kaayyoo siyaasa dhokaata qaban milkeessuuf hawaasa dogoggorsuun walitti bu’iinsaa fi hookkara keessa akka seenaan taasisaa jiru jedhaniiru.

Baatiiwwan lameen dhufaan yeroo qormaataa fi hojii gaarii itti hojjetamaniidha kan jedhan Dooktar Laggaasaan, dhimmoota ijoo ta’anirratti hawaasni tokkummaa isaa cimsuun gamtaan hirmaachuun, lammiilee hundaarraa kan eegamu waan ta’eef, hunduu hirmaannaa cimaa taasisuu akka qaban gaafatameera.

Keessumaa sochii diinagdee keessaatti shira garaaraa uumuun namoonni dhuunfaa jeeja’oon roorroo lammillee hammeessan, diinotaaf haala mijataa uumuun, birmadummaa biyyaa balaarra buusuuf yaalii taasisaa jiru ibsaniiru.

Kanaaf namoonni kunneen, gochaa isaaniirraa akka of qusatan mootummaan akkeekkachiisa dhumaa kenna jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.