Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Qorannoo fi ittisa yakkaa teeknooloojii ammayyaan deeggaramee hojjetamaa jira – K/I Jeneraalaa Malaakuu Faantaa

Finfinnee, Sadaasa 30, 2016 (FBC) – Hojiin Qorannoo fi ittisa yakkaa teeknooloojii ammayyaa fi ogummaa olaanaan deeggaramee hojjetamaa jiraachuu Ajajaan qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakka Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Ittaanaan Komishinaraa Jeneraalaa Malaakuu Faantaan himan.

Itiyoophiyaa keessatti dhaabbilee riiformiin taasifame keessaa dhaabbileen nageenyaa adda duree ta’uu himaniiru.

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa teeknooloojii ammayyaafi ogummaa olaanaan yakka lammiileefi biyyattii irratti raawwatamu ittisuuf qorachaa jiraachuu himaniiru.

Nageenya lammiilee eeguuf hojii hojjetamaa jiru keessatti hawaasni gahee guddaa qabaachuu eeruun, hojiin kun cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Nageenya biyyattiifi naannawichaa mirkaneessuuf Interpooliifi biyyoota ollaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.