Fana: At a Speed of Life!

Hojiin seeraan eegalame seeraan kan xumuramu ta’uu hubatamuu qaba – aadde Adaanachi Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) –Olaantummaa seeraa kabajuun, kabachiisuu fi haqa dhugoomsuun bu’ura jiraachuu keenyaati jedhan Haati Alaangaa Waliigala Federaalaa aadde Adaanach Abeebee.
 
Olaantummaan seeraa fi haqni akka dhugoomuuf hojii hedduu fi hirmaannaa cimaa irratti argamna jedhan.
 
Namni kamiyyuu seera duratti wal qixaa fi seeraa gad ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiin karaa seeraa eegalame karaa seeraa akka xumuramuu qabu hubachuun barbaachisaadha jedhan aadde Adaanachi fuula feesbuukii isaaniin.
 
Dhugaa irraa kan fagaatee fi itti gaafatamummaan kan hin qabne, sochiiwwan,dubbiiwwan, ibsawwan, faayidaa dhuunfaaf jedhamanii gochaawwaan raawwataman balleessaa fi miidhaa baayy’eedhaaf akka nu saaxilu du’a Aartist Haacaaluu Hundessaan qabatee jeequmsi uumame agarsiiftuudha jedhan.
 
Aadde Adaanachi, Olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi haqa dagaagsinuun filannoo osoo hin taane jiraachuu keenyaa fi biyya keenyaaf bu’uura ta’uu isaa hubachuun barbaachisaadha jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.