Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni FM Faanaa 94.0 duula Birmadummaa biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Hojjettoonni FM Faanaa 94.0 Dabrataabor loltootaa fi humna addaa naannoo Amaaraaf duula Birmadummaa biyyaarratti hirmaataniif dhiiga arjoomaniiru.

Hojjettoonni kunneen loltoota birmadummaa biyyaa kabachiisuuf arsaa kaffalaa jiraaniif dhiiga isaanii arjoomuusaaniitti kan gammadan ta’uu ibsuun, fuuldurattis maatii duultotaa fi warreen duula kanarratti miidhamaniif deeggarsa kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

Hoji gaggeessaan FM Faanaa 94.0  Obbo Salamoon Ayyalaa gama isaaniitiin, dhaabbatichi dirqama ogummaa bahachuurra darbee hojjetoonni kaka’umsa mataasaaniitiin irra deddeebiin hojii tola  ooltummaa hojjechuun aantummaa uummata isaaniif qaban qabatamaan mirkaneessuu isaanii ibsaniiru.

Hojjettoonni dhaabbatichaa miindaa ji’asaaniirra Birrii kumaa 300 ol kan deeggaran yeroo ta’u, deeggarsi kun kan itti fufu ta’uu obbo Salamoon ibsaniiru.

Abbabaa Yeshawaali’uultu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.