Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii fi Dhaabbileen waamamtootaa mindaa ji’aa 1 raayyaa ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Hojjettoonni fi hoggantoonni Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii, Komishinii Misooma Jallisii fi Komishinii Misooma Bishaanii mindaa ji’aa 1 Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deeggarsa taasiisaniiru.

Ministeerichii fi dhaabbileen waamamtootaa kunneen har’a haala waqtaawaa biyyaarratti hojjettoota isaanii waliin marii taasiisaniiru.

Raayyaa Ittisaa Biyyaaf dirree lolaarratti dhiiga dhangalaasaa jiruuf deeggarsa haala kanaan taasiisuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Diina biyya diiguuf shira xaxaa jiru fuuldura dhaabbachuun biyya ceesiisuun murteessaa ta’uu kaasaaniiru.

Hojjettoonni dhaabbilee kanneenii mindaa ji’aa gumaachuu dabalataan, Dhiiga, arjoomuu, lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa taasiisuuf walii galuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.