Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoota Mootummaafi Hoggansa kenniinsa tajaajilaa danquun kuma 21 ol irratti tarkaanfiin fudhatame – BKO

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Hojjettoota Mootummaafi Hoggansa kenniinsa tajaajilaa danquun uummata mufachiisan kuma 21 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksiise.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiru furuun naannichatti itti quufinsa maamilaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jiraachus biirichi himeera.

Baatiwwan salgan darbe deeggarsaafi hordoffii itti fufiinsaan taasifameen namoota kuma 21 fi 195 kenna tajaajilaa danquun uummata komachiisan irratti tarkaanfiin of eeggannoo afaaniifi hojiirraa gaggeessuu fudhatamuu ibseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii furuufi kenniinsa tajaajilaa sirnaan hojii irra oolchuuf tarkaanfii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.