Fana: At a Speed of Life!

Hokkora aanaa Gurra Fardaatti ummameen walqabate bulchaa aanichaa dabalatee hoggantoonni hedduun to’ataman

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Naannoo kibbaa aanaa Gurra Fardaattii guyyaa kaleessa hokkora umameen walqabate bulchaa aanichaa dabalatee hoggantonni hedduun to’atamaniiru.

Wayita amma jijjiiramaa biyyaatti eegalame irratti hunda’uun naannichatti hojiin seera kabachisuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu halaa addaan eegalamuu motummaan naannichaa beeksiseera.

Komii hawwasa bubbulee hiikuun biyyaa fi mootummaa ijaaruuf sosochii olaanaan akka naannichaatti taasifamaa turuun himameera.

Gama biraan ammoo qamooleen yaadaa dogoggoraa qaban naannoo garagaraattii hojii nageenya hawwasaa boreessuuf hojjetaa jiraachuunis himameera.

Naannichatti hawaasni waldanda’uu fi tokkummaan akka cimuuf naannichatti hojiin hedduunis hojjetameera.

Qamoolee jijjiiramaa akka biyyaatti eegalame gufachisan irratti tarkaanfi fudhachuuf mootummaan naanniichaa xiyyeeffannan hojjecha jiraachuus himameera.

Wayita ammaas nageenya hawaasa boreessuuf taticha hogganaa warreen turan irratti mootummaan tarkaanfii barbaachisaa akka fudhaatu himameera.

Haaluma kanaan aanaa Gurraa Fardaatti hokkora guyyaa kaleessa uumameen wal qabatee hoggantoonnii fi ogeeyyoonni to’annoo seeraa jala olfaamuusaanii ibsameera.

Namoonni to’annoo jala oolan:-

Obbo kindiisaa Nigusee bulchaa aanaa
Obbo hayluu Yigilexuu Itti gaafatamaa waajjira bulchiinsaa
Obbo Bissex Warquu Itti gaafatamaa waajjira abbaa alangaa
Obbo Oyisaa Alamuu Itti aanaa bulchaa
Obbo Indaalk Damisee hogganaa waajjira nageenyaa fi ogeeyyoonni biroon to’atamuu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.