Fana: At a Speed of Life!

Hongee mudate akka siyaasaatti ilaaluu hinqabnu-Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)-Hongeen Itiyoophiyaattii mudate mootummaan kan fidee waan hintaaneef akka meeshaa siyaasatti ilaaluun sirri miti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Hongee ilaalchisuun miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa kennaniin, hongeen deddeebi’ee kan mudatu ta’uu yadachiisanii, hongee mudateef deebii kennuuf gahaatti oomishuun, lammiileen akka lubbuun hindabarreef hojjetamaa jira jedhan.

Naannolee Oromiyaa, Tigraayii, Amaaraa fi Naannawaa Bahaa biyyattiitti mudachuu eeruun, kun jijjiramuu qabeenyaa qilleensaan kan dhufe ta’uu fi siyaasaatti ilaalamuu akka hinqabne kaasan.

Hongee kanaaf deebii kennuuf mootummaan Birri biiliyoona 16 baasuu eeranii mootummaan balaa hongee mudateef akka waan calliseetti ilaaluun sirrii miti jedhaniiru.

Baranaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo biraa caalaattii oomishni qonnaa olaanaan oomishamuun hongee mudataa jiruuf furmaataa biraa ta’uu akka malu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.