Fana: At a Speed of Life!

Hooggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii bara 2012 gaggeessaa jiru

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Hooggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii bara 2012 magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jiru.
 
Waltajichi gamaaggama raawwii hojii bara 2012 fi karoora itti aanurratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera.
 
Akkasumas jijjiirraman booda imala Badhaadhinaa fi maddi rakkoolee quunnamanii maal akka ta’ee fi furmaata isaarratti xiyyeeffannoo addaan kan mari’atamu ta’a jedhameera.
 
Haala nageenya, siyyaasaa, weerara vaayrasii koroonaa magaalichaa fi dhimma hidha haaroomsaarratti gadi fageenyaan mariin kan taasifamu ta’uu ragaan Waajjira Paartichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.