Fana: At a Speed of Life!

Hoomaa Awwaannisa gammoojii ittisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Hoomaa Awwaannisa Gammoojii iddoolee garaagaraatti mul’ate ittisuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Ministir deettaan Ministeera Qonnaa FDRI obboo Saanii Radduu turtii Faanaa Brooksaating Koorporeeti waliin taasisaniin, hoomaan awwaanniisa gammoojjii kun haga baatii Waxabajjiitti itti fufu akka danda’u raagni ni mul’isa jedhan.

Hoomaa kun wayita ammaa naannoolee Kibbaa, Kibba Dhiha, Kibba Bahaaa fi iddoolee garaagaraatti ariitiin babal’achaa jira jedhaniiru.

Keessattuu marga, kuduraa fi muduraa, mukeen baalaa akkasumas bosonaa irratti miidhaa guddaa gaggeessisaa jiraachuus himameera.

Hojiilee mala aadaan ittisuu dabalatee ministireechi iddoowwan 3tti xiyyaaraan keemikaala biifaa turuu isaa obbo Saaniin himaaniiru.
Yeroo ammaatti guyyaan hoomaan 3 hanga 5 biyyoota ollaarraa gara Ityoophiyaa gala jira jedhaniiru.

Gama daangaa Soomaliyaan Awwaannisni Ityoophiyaa seenaa jiru hoomaan tokkiichi awwannisa miiliyoona 40 hanga miiliyoona 80 baayy’atu qaba jedhaniiru.

Haga baatii Waxabajjiitti hoomaan awwannisaa Keeniyaarran Ityoophiyaa seenuu danda’u akka biyyaatti sodaa guddaa uumaa jira jedhan.
Hoomaan awwaannisaa qilleensaan kan tamsa’u waan ta’eef ariitii cimaan idoowwan garaagaraatti faca’aa jiraachuu himaniiru.
Hoomaa kana ittisuuf dhaabbilee idil addunyaarraa deeggarsi xiyyaaraa fi keemikaalaa taasifamaa akka jirus ibaniiru.

Zuufaan Kaasahuntu gabasee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.