Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaalichi laabraatoorii qorannaa vaayrasii koroonaa hojii eegalchiise

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Hoospitaalli Speeshaalaayizdii Yuunvarsiitin Goondar laabraatoorii qorannaa vaayrasii koroonaaf oolu hojii eegalchiise.
 
Laabraatoorichi guyyaatti samuudaa 100 hanga 180 qorachuu danda’a jedhameera.
 
Hoji raawwachiisaa olaanaan hoospitaalichaa Dooktar Asahannaafii Taazzabaachaw akka beeksisanitti, vaayrasicha ittisuuf hojii qindaa’aan hojjetama ajira.
 
Kanaan dura naannichatti samuudaan laabraatoorii qorannaaf gara Baahir Daarii fi Finfinneetti ergamaa tureera.
 
Har’ammoo qorannaan laabraatoorii hoospitaalichatti eegalamuun sochii ittisichaa kan cimsudha jedhaniiru.
 
Ogeeyyii leenjii fudhataniin hojichi jalqabamuu ibsanii, yeroo dhiyoottis meeshaaleen qorannaa lama hojii ni eegalu jedhan.
 
Hoospitaalli kun vaayrasii koroonaarratti qorannaa gaggeessuuf Ministeera Fayyaa fi Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaarraa beekamtii argateera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.