Fana: At a Speed of Life!

Horroo Guduruu Wallaggaatti opporeeshinii hanga ammatti gaggeeffameen miseensoonni Shanee 433 ajjeefamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 3, 2014 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti opporeeshinii hanga ammatti gaggeeffameen miseensoonni Shanee 433 wayita ajjeefaman, 115 ammoo booji’amuu  bulchiinsi godinichaa ibseera.

Bulchaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Baqqalaa Dachaasaa akka himanitti, godinichatti nageenya amansiisaa mirkaneessuuf oppireeshinii bu’aa qabeessaa gageeffamuu himaniiru.

Kanaanis miseensoonni garee shororkeessaa Shanee 433 wayita ajjeefamaan 115 ammoo booji’amuusaanii ibsaniiru.

Gareen odeeffannoo laatanii fi loojistikii deeddebisaan 623 ta’aan ammoo to’annaa jala ooluu isaanii obbo Baqqalaan himaniiru.

Akkasumas diinni itti fayyadamaa kan turee meeshaaleen waraanaa ammayyaa’oo fi boodatti hafoon to’annaa jala  ooluus himaniiru.

Hawaasa hirmaachisuu fi gurmeessuun hojiin nageenyaa mirkaneessuu hojjetamaa jiraachuu obbo Baqqalaan himaniiru.

Yeroo amma kanas godinichatti yeroo gabaaba keessatti garee shororkeessaa Shanee barbadeessuuf hojjetamaa jiraachuu himusaanii Waaltaan gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.