Fana: At a Speed of Life!

Hubannoo namtolcheen biyya gara guddinaatti ceesisa-Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC)- Hubannoo namtolcheen biyya gara guddinaatti ceesisa jechuun Ministirri Ministeera Innooveeshinii Fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.

Qondaaltonni Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii daawwataniiru.

Daawwannicharratti Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Injiinar Warquu Gaachanaa sochii hojiilee inistiitiyuutichaarra ibsa kennaniiru.

Filmaatawwan teeknoolojii Inistiitiyuutichi Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii waliin hojjechuu danda’an hedduun jiraachuu akeekaniiru.

Dooktar Ballaxaan gama isaaniin, inistitiyuutichi damee fayyaan, qonnaan, haqaan, barnootaa fi tajaajilaan hojiilee bu’aa qabeessaa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Damee hubanno namtolcheerratti xiyyeeffannaan yoo hojjetame biyya gara guddinaatti kan ceesisu ta’uu kaasanii, dhaabbileen lameen dameewwan garaagaraarratti walta’iinsaan akka hojjetanis himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.