Fana: At a Speed of Life!

Humna waraanaa amansiisaa ijaaruuf hojjetamaa jira – Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Bara baajataa 2015 Humna waraanaa amansiisaa ijaaruuf hojjetamaa jiraaachuu Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsan.
Bara baajataa kana loojistiiksii guutuu dhiyeessuun humna waraanaa cimaa fi amansiisaa ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu Itaamaajoor Shuumiin humna waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.
Hoggantoota Qajeelcha Loojistiksii olaanaa Raayyaa Ittisaa ajajoota hundarraa walitti babba’an waliin gamaaggamni raawwii waggaa gaggeeffameera.
Raawwii hojii waggaa ilaalchisee Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsa taasiisaniiru.
Diinni qindoomina uumuun hiriiruus raayyaan ittisaa karaa qindaa’een shira diinaa diiguu danda’uu kaasaniiru.
Bara 2015 Raayyaan Ittisaa teeknooloojii waraanaa ammaayyaa kan hidhatu ta’uu eeraniiru.
Bara 2015 damee Loojistiksiin kan yeroo kamiiyyuu caalaa qophiin taasiifamaa jiraachuu ibsamuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.