Fana: At a Speed of Life!

Humni eeggumsa Rippaablikaanii duula olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti dirqama isaa ga’umsaan ba’eera – Meejar Jeneeraal Birihaanuu

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) –Humni Eeggumsa Rippabliikaanii duula oolantummaa seera kabachiisu keessatti dirqamna itti laatame ga’umsaan ba’uu Ajajaa olaanaan Humna Eeggumsa Riippaablikaanii Meejar Jeneraal Birihaanuu Baqqalaan ibsan.

Humni Rippabliikaanii naannoo Raayyaa fi addaa waraanaa Lixa Tigraayiitti garee ABUT irratti miidhaa guddaa qaqqaabsiisuu himaniiru.

 

Humnichi iddoolee rakkisaa kanneen akka  Addiqayyiitti duubaan marsuun garee komaandoo ABUT irratti haleellaa raawwachuu fi dahoo cabsee seenuun hanga Maqaaleetti hojii boonsaa hojjechaa turuu dubbataniiru.

 

Meejar Jeneraal Birihaanuun, Humni Eeggumsa Rippabliikaanii adda waraanaa Lixaan Humaraa hanga Daanshaatti hojii guddaa hojjechuu fi yeroo ammaa yakkamtoota ABUT seeratti dhiyeessuuf adamsaa jiraachuu ibsaniiru.

 

Akkasumas hojii olaantummaa seera kabachiisuu cinaatti naannoo Lixa Wallaggaa fi Matakkalitti shiftoota too’achuuf ergama itti kenname karaa milkaa’ina qabuun  raawwachaa jiraachuu himaniiru.

 

Duula olaantummaa fi birmadummaa gaggeeffame keessati loltoonni lafoo, Meekaanaayzidiin, humni addaa, humni qilleensaa fi qaamoleen nageenyaa biro waliin murannoo cimaa fi hoggansa waraanaa ga’umsa qabuun kan raawwatameedha jedhan.

 

Hojiin ummata boonse hojjetamuus himaniiru.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.