Fana: At a Speed of Life!

Humni Elektirikii Ityoophiyaa suphaa fi sakatta’iinsa sararaaf tumsa hawaasa gaafate

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC) – Humni Elektirikii Ityoophiyaa, sararaa dabarsaa humnaa Hidha Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaa, Dhidheessaa-Holotaa fi sarara Ityoo-Keeniyaa kuusaa bu’uuratti galchuuf suphaa fi sakatta’iinsa gaggeessuuf hawaasni akka tumsu gaafate.

Sararri dabarsa humnaa kun aanaalee 30 Naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz qaxxaamuruun Finfinnee kan galu yoo ta’u, fageenya kana keessatti hojilee hojjetamaniif qaamoleen nageenyaa fi hawaasni hunduu tumsa barbaachisaa taasisuu akka qabu gaafateera.

Hojiin sakatta’aa fi suphaa sararoota kanneenii torban dhufu kan jalqabamu ta’uus beeksiseera.

Gama biraatiin, gurgurtaan humna elektirikii Ityoo-Keeniyaa gaggeessuuf qophiin xumuramuu eeruun, kunis waggoota lamaan dura kan xumuramee fi gama Keeniyaatiin hojiileen hinxumuramne akka turan yaadachiiseera.

Mootummaan bittaa humna elektirikii gaggeessuuf baatii Adoolessaa keessa waliigaltee mallatteesseera.

Bara Faranjootaa Sadaasa 1 eegalee gurgurtaa eegaluuf hojileen dandeessisan xumuramuun ibsuun guyyoota itti gurgurtaa jalqabaa gaggeeffamuun Meeggaa Waattiin 200 akka dhiyaatu ibsameera.

Qonjiit Zawudeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.