Fana: At a Speed of Life!

Humni Galaanaa miidhaa balaan lolaa hordofsiisu ittisuuf bobba’e

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Humni Galaanaa Itiyoophiyaa Baha biyyattiitti rooba cimaa rooba jiru hordofee balaan lolaa miidhaa akka hingeessisne ittisuuf gara naannawichaatti bobba’eera.

Koomiishinarri Koomiishinii Hoggansa Soda Balaa Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam humna galaanaaf simannaa wayita taasisanitti, hojii miseensota Humna Galaanaa milkeessuuf tumsi barbaachisaan ni taasifamaaf jedhan.

Balaa lolaa Naannoo Somaalee Godina Shabalee Aanaalee saddeetitti mudate miidhaa cimaa akka hingeessisne Humni Galaanaa ga’umsa ogummaa isaa fayyadamuun hojii isaa akka gaggeessu amantaa qaban ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Barnootaa fi Leenjii Humna Galaanaa akkasumas Qindeessaan Garichaa Koloneel Kabbadaa Mikaa’el gama isaaniin, dirqama biyyaalessaa itti kenname simachuun raawwachuuf qophii ta’uu himuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.