Fana: At a Speed of Life!

Humnichi Irreechi nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaan xumuramuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Ayyaanni Irreechaa karaa nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa  ibse.

Humni Waloo Nageenyaa abbootii gadaafi jaarsolii biyyaa waliin haala Ayyaanni Irreechaa karaa nagaan kabajamuu danda’urratti mari’achuu ibsameera.

Maricharratti komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraala Dammallaash Gabramikaa’el, Ayyaana Irreechaa baranarratti keessummoonni biyyattii kutaalee garaagaraafi biyyoota ollaarraa dhufan kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

Humni Waloo Nageenyaas kana ilaalcha keessa galchuun qophii bal’aa taasisaa turuu addeessaniiru.

Bifuma kanaan ayyaanichi karaa nagaan akka kabajamuuf qophii gahaan taasifamuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.