Fana: At a Speed of Life!

Humnoota waloo qindeessuun fayyadamuurratti fooyya’iinsi mul’ate cimee itti fufuu qaba Obbo -Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Humnoota waloo qindeessuun fayyadamuurratti fooyya’iinsi mul’ate cimee itti fufuu qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisa.
Waltajjii gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 3ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jiru irratti argamuun kallattii hojii kan kaa’an Obbo Shimallis Abdiisaan baatiiwwan sagalan darban keessatti humnoota waloo qindeessuun galmoota misoomaa qabaman milkeessuuf sochiin taasifame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Hoggansi sadarkaan jiru imala gara badhaadhinaatti eegalame galmaan gahuuf hojii hunda wal qixa hogganuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu qabas jedhaniiru.
Humnootni waloo meeshaa murteessaa mul’atabadhaadhinaa ittiin dhugoomsinu waan ta’eef sirnaan qindeessinee itti fayyadamuu qabna jechuu isaanii ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee oromiyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.