Fana: At a Speed of Life!

Hunduu rakkoolee mudataniif beekkamtii kennuun furmaata isaaf waloon hojjechuuf qophaa’utu eegama-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Hunduu rakkoolee kaleessa mudataniif beekkamtii kennuun furmaata isaaf waloon hojjechuuf qophaa’un kan irraa eegamu ta’uun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.

Seenessii biyyaalessaa ilaalchisuun gaaffilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif Dooktar Abiy Ahimad ibsa kennaniin, dhimmoota kaleessaa biyyattii ilaalchisee mudatan irratti utuu walfalmaamuu, egeree akka hindiigne eggannoo taasisuu barbaachisa jedhan.

Egeree cimaa ijaaruufis dhimmoota kaleessaa beekumsaan darbuun, hunduu rakkoolee mudataniif beekkamtii kennuun furmata isaaf waloon hojjechuuf qophii taasisuun murteessaadha jedhaniiru.

Miidhaawwan kaleessa mudatan dhiifamaan darbuu qabna kan jedhan Dooktar Abiy kun ammo biyya waloo cimtuu ijaaruuf bu’uura kan kaa’uudha jedhaniiru.

Gama biraattiin haalaa Naannoo Amaarraatti ibsa kennaniin, naannichatti marii ummataa taasifameen gaaffileen misoomaa, heeraa mootummaa fooyyessuu fi daangaa ka’uu himan.

Gaaffilee misooma naannichaa deebisuufis hojiilee hojjetamaniin riqichi baasii Birrii biiliyoona 2.4’n hojjetame, pirojektii Gorgoraan damee tuuriizimii naannichaa fooyya’aa dhufuu yaadachiisan.

Gaaffileen heera mootummaan walqabataan naannolee birootti kan ka’an waan ta’eef, Koomiishiniin Marii Biyyaalessaa hojiilee hojjetaa jiruun gaaffichi deebii akka argatuuf hojjetamaa akka jiru akeekaniiru.

Gaaffiin daangaa naaf malaa ka’us haala nageenyaa waaraa mirkaneessuun akka furamu fedhii jiru kaasaniiru.

Walitti bu’iinsarraa bu’aan argamu akka hinjirre ibsuun, marii fi nageenyaaf dursa kennuun gaaffilee kamuu furuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Dabalataan raawwii waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisee gaaffilee miseensotaan ka’aniif Dooktar Abiy deebii kennaniin, waliigalticha booda walta’iinsa mootummaa federaalaa fi bulchiinsa yeroo naanichaan injifannoowwan hedduun galmaa’uu hubachiisan.

Keessumaa Dandiin Qilleensaa tajaajilatti deebi’uu, tajaajilli teelekoom, baankonni, dhabbileen fayyaa, dhaabbileen barnootaa sochii eegaluu kaasaniiru.

Waliigaltichaan booda indaastiriiwwan 217 hojii eegaluu kaasaniiru.

Hojiilee hojjetamaniin bu’aa olaanaan kan argaman ta’uu dubbatanii fuulduratti hojiileen hedduun akka hafan kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.