Fana: At a Speed of Life!

Ifa barii arguuf dukkana cimaa darbuun dirqama – Obbo Dabalee Qaabataa

Ifa barii arguuf dukkana cimaa darbuun dirqama – Obbo Dabalee Qaabataa
Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Komishinarri Komishinii Gumrukaa obbo Dabalee Qaabataan ergaa baga geessanii bara haaraa dabarsaniiru.
Komishinar Dabaleen ergaa dabarsaniin,Ifa barii arguuf dukkana cimaa darbuun dirqama jedhan.
Aduun wayita Lixxu dukkanni dacheerratti aangoma, bareeddinni ifaa ni golgoma, Dukkanni cimaan hin bariine fakkaatu hanga bari’utti nama dhiphisa.
Yaa ta’uutii Dukkanni cimaa ta’us ifa moo’achuu hin danda’u.
Dukkanni yeroo muraasafi, waari’uun yeroo qaba jedhan ergaa bara haaraa ilaalchisee dabarsaniin.
Ifa barii arguuf dukkanna sodaachisaa darbuun dirqama jedhan.
Rakkoo hunda galeessa biyya keenya muudate darbuuf wareegama kaffaluun kan hin oolle jedhan Komishinar Dabalee Qaabataan.
Abboottiin keenya Ityoophiyaan bu’uura cimaarra akka dhaabbattu wareegama kaffalaniiru.
Nutis Ityoophiyaa bara olkaa’iinsatti deebisuuf ogummaa qabnu hundaan wareegama barbaachisu kaffalaa jirra jedhan.
Rakkooleen waggoottaan sadan darban nu mudatan namoota tokko tokko abdii kutachiisuus wareegama malee injifannoon hin argamu jechuun ibsan.
Qormaata malee bu’aan hin argamu waan ta’eef hunda obsaan akka dabarru shakkii hin qabnu jedhan.
Bara haaraa kanattis hawwiin koo akka dhugoomu abdiin qaba jedhan.
Waqtiin birraa waqtii abdiiti, dacheen abaaboon faayyamti, leenchonnis ni burraaqu, lageenis guutuun dhangala’u.
Abdiin Ityoophiyaa golgolaa’uu fakkatu kunis akka Abaaboo birraa dhoo’uun isaa hin oolu jechuun hawwii qaban himaniiru.
Barri kun akka lageen keenyaa guutuun dhangala’an Onneen hunda keenyaa gammachuun kan guuttamu ta’uu abdiin qaba jedhan.
Barri haaraan bara misoomaa, gammachuu, jaalalaa, Abdii fi badhaadhinaa akka ta’u ummata Ityoophiyaa maraaf hawwaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.