Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Giddugala leenjii fi qulqullina barnoota olaanoof dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC) – Ijaarsa Giddugala leenjii fi mirkaneessa qulqullina barnoota olaanoof dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Ijaarsa giddugalichaaf itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoon dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Ijaarsi giddugalichaa wayita xummurame Ityoophiyaatti barnoota qabatamaa teeknooloojiin deeggarame dagaagsuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhame.

Giddugalichi mooraa Ejansii Qulqullina Barnootaa olaanoo keessatti lafa heektaara 2 irratti ijaarrama jedhame.

Ijaarsi isaa Doolaara miiliyoona 10 Baankii Addunyaarraa argameen kan raawwatamu yoo ta’u, baatii jaha keessatti ni xummurame jedhameera.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.