Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Mootummaaf raayyaan aantummaa heera mootummaaf qabu murteessaadha-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC)- Ijaarsa Mootummaa biyyaa cimaaf, ijaarsi Raayyaa Ittisa Biyyaa heera mootummaaf aantummaa qabu, ammayyaa, walabaa fi bilisaa ta’e murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaa ilaalchisuun ergaa bagaa geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa bu’uuressuu fi ummataa eeguuf lubbuu isaa qaalii kan kennu, calaqqee aantummaa ummataa, gootummaa fi biyyaalessummaa ta’uu dubbataniiru.

Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuunis tokkummaa bulchiinsaa fi birmadummaa biyyaa kabajamuun itti gaafatama lammummaa bahachuu akkasumas faayidaa fi kabaja ummataaf dhaabbachuudha jechuun ibsaniiru.

Faallaa kanaan Raayyaa Ittisaa haleeluu jechuun Itiyoophiyaa haleeluu fi ummata miidhuu akka ta’e hubachiisaniru.

Ijaarsa mootummaa biyyaa, ijaarsi Raayyaa Ittisa Biyyaa heera mootummaaf aantummaa qabu, ammayyaa, walabaa fi bilisaa murteessaa ta’uu akeekaniiru.

Gama kanaanis waggoottan jijjiramaa darban tattaaffiin eegalamee fi jijjiiramni galmaa’aa jiru cimee akka itti fufu hunduu gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Kana malees, raayyichi wareegama kaffalee fi kaffalaa jiruuf beekkamtii fi kabaja barbaachisaa kennuun akka barbaachisu dubbachuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.