Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsaawwan dubartootaa magaalichaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birri miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90.8 ol taasisan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Ijaarsaawwan dubartootaa magaalaa Finfinneetti Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 fi kuma dhibba 8 olii maallaqaa fi meehsaalee nyaataa taasisan.
Sagantaan deeggarsa walitti qabuu qindeessummaa Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa magaalaa Finfinneen mata duree ‘biyya koo haleellaa kamiiyyurraa eeguuf Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa nan dhaabbadha’ jedhuun gaggeeffama jira.
Miseensoonni ijaarsaawwan dubartootaa magaalaa Finfinneetti argaman kumni 39 ol Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 85 ol maallaqa dheedhiin, meeshaalee nyaataa Birrii miiliyoona 5.8 olitti tilmaamamu waliigala birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 fi kuma dhibba 8 raayyaa ittisaaf deeggarsa taasisuu hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa magaalaa Finfinnee aadde Haddaas Kiduu dubbataniiru.
Sagantaa kanarratti itti aantuu kantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Ministir deettaa Ministeera Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Muunaa Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon dubartootaa magaalichaa, Raayyaa Ittisaa fi Poolisi, akkasumas hoggantoonni ijaarsawwan dubartootaa garaagaraa hirmaachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.