Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii Aspaaltii Alii- Agaarfaa yeroo ammaa kana saffisaa jiraachuu himame

Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Ijaarsi daandii Aspaaltii Alii- Agaarfaa yeroo ammaa kana saffisaa jiraachuu himameera.

Ijaarsi daandii konkriitii aspaaltii riqicha Waabee hanga magaalaa Alii kiiloo meetira 56.5 kan dheeratudha.

Ijaarsi daandichaa sadarkaarra jirus yeroo yeroon qaama dhimmi ilaallatu waliin deeggarsaa fi hordoffii taasiisaa kan jiran ta’uu, Bulchaan Aanaa Agaarfaa Obbo Awwal Ibraahim himaniiru.

Ijaarsi daandii kanaa gaafa xumurame rakkoo hawas-diinagdee yeroo dheeraaf hawaasni itti qoramaa ture kan furuuf ta’uu dubbattaniiru.

Akka OBN gabaaseetti Hojiin ijaarsa daandichaa % 79 ol qaqqabeera jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.