Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii Qaallittii- Qilinxoo xumuramuu dhabuun rakkoolee garaa garaaf nu saaxilaa jira- Jiraattota

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015(FBC)- Ijaarsi daandii Qaallittii- Qilinxoofi Qaallittii- Tulluu Diimtuu xumuramuu dhabuun rakkoolee garaa garaaf nu saaxilaa jiraachuu jiraattonni ibsan.

Daandiiwwan baasii Birrii biiliyoona 4.8’n ijaaramaniifi dheerina kiiloomeetira 20 ol uwwisan kunneen diinagdee magaalichaaf akkasumas biyyatiif faayidaa guddaa kan qaban ta’uu ibsameera.

Piroojektiiwwan daandii waggoota sadii keessatti akka xumuramaniif karoorri qabameefii ture kunneen xumuramuu dhabuun sa’aatiiwwaniif cuccufamuu daandiif sababa ta’uun eerameera.

Bakkeewwan daandiiwwan kunneen ijaaramanitti konkolaattota akka garaa argachuun kan hin yaadamneefi sa’aatiiwwaniif hiriiranii taaksii eeguun kan baratame ta’uu jiraattonni ibsaniiru.

Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet bakkichatti argamuun daawwannaa taasiseen, naannawaa daandiiwwan kunneen ijaaramanitti dhiibbaan tiraafikaa, hiraarri uummataa taaksii dhabneefi hiriirota dhedheeroo dabalatee komiin konkolaachistootaa olaanaan jiraachuu taajjabeera.

Ittaanaan Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Luulaanaan gamasaaniin, piroojektiiwwan ijaarsa daandiiwwan kanneenii bara baajataa kanatti tiraafikaaf banaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa raawwiin karoora ijaarsa Qaallittii- Qilinxoo %61, Qaallittii- Tulluu Diimtuu ammo %76 irra gahuu kaasaniiru.

Daandiiwwan kunneen gama lamaan yeroo tokkotti konkolaattota 3 dabarsuu akka danda’anitti ijaaramaa jiraachuu eeruun, riqicha dheerina meetira 320 qabu dabalatee riqichoota lagarraa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Hanga xumura bara kanaatti uwwisa asphaaltii sadarkaa jalqabaa xumuruun tiraafikaaf banaa taasisuun dhiibbaa tiraafikaa mul’atu hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.