Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Hidha Haaromsaa erga dhagaan bu’uuraa kaa’ame waggaa 10ffaa Israa’eelitti Kabajame

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Ijaarsi Hidha Haaromsaa erga dhagaan bu’uuraa kaa’ame waggaa 10ffaa Israa’eelitti Kabajamuu Imbaasiin Ityoophiyaa Israa’eelitti argamuu beeksise.
Sirna kabajaa kanaarrattis dhalattootaa Ityoophiyaa biyyichaa jiraatan waliin marii irratti gaggeeffamuu himameera.
Maricha irrattis kan argamaan Israa’eelitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Rattaa Alamuu sadarkaa ijaarsi Hidha Haaromsaa sadarkaa irra jiru irratti ibsa kennaniiru.
Ambaassaddar Rattaa,lammiileen Ityoophiyaa Israa’eel jiraatan ijaarsi Hidha Haaromsaa akka xumuramuuf Doolaara Ameerikaan miiliyoona 1, ol boondii akka bitaan himuun,ammas deeggarsi jalqabamee cimee itti fufu qaba jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Akka ragaan Imbaasiin Ityoophiyaa Israa’eelitti mul’isutti, Mariicha irrattis dhalattoonni Itiyoophiyaa hirmaataan deeggarsa jalqabaan cimsaani akka itti fufaan himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.